Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 46 - KITAABA WAAQA

1 Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.

2 Tanaafi ato lafti chochote, gaareeni d'immu baariini keesa buutele nu woma insodaannu;

3 ato bisaani chochoani goraani kubilele chochoosanile insodaannu.

4 Galaanati jira, ka dira Waaqaa gammadani iti d'ufu, Mana qulqullo Waaqaa guddati.

5 Waaqi dira suni keesa jira, dandaani inchochoosani, inni ganama d'ufe dira suni qarqaara.

6 Gochiti mudamte, lafti chochote, Waaqi mandie, laftileeni bat'i.

7 AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.

8 Koota, waan AABBO Waaqi tolche, laala, waan mama ka inni lafa keesati tolche dawaad'a.

9 Inni lafa ch'ufa keesa nama woli had'u d'owe, guube ch'ach'abse, woraana balleese, wontele guba.

10 Inni waan jed'u woli had'u lakisa, aka anini AABBO Waaqa beekha. Gosa ch'ufafi lafa ch'ufa keesaleti na guddisani.

11 AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan