Faaru 43 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, nami kunini wollaala inqabu jed'i d'uga naa muri, gumi si imbeenne durati naa dubbad'i; nama ch'ubbicha kiyyiba duraa na baasi! 2 Waaqi anini iti d'eed'u sii, atini maafi na lakifta? Anini maafi maro nyaapi kiyya na dabseefi tae gaargala? 3 Ifsafi d'uga tante naa ergi; ha na dura deemani, gaara kanke qulqullo Sionitiifi. Mana kanke qulqullo atini keesa teetuti na deebisaniti. 4 Duuba ee Waaqa, anini fulla sorio iti sii qalani d'aqa; nami anini gammada ira argad'u sii. Anini kiraari d'ae si faarsa, ee Waaqa, Waaqa kiyya. 5 Anini maafi akana tae laalefad'e gaargala? Anini Waaquma abdad'a; ammalle deebieti Waaqafi baafama kiyya faarsa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya