Faaru 42 - KITAABA WAAQA1 Akuma hiddini bisaani qabanao d'uddu d'araatu, aninileeni akasuma sii d'araa, ee Waaqa. 2 Ee Waaqa jiru, anini siti d'eebod'a; anini yoomi deeme si arge si kad'ad'a? 3 Anini halkani guyya bohe, imimaani kiyya ch'alla soorad'a, ka nyaapi kiyya hojja ch'ufa na gaafate, Waaqi kanke me? nani jed'u. 4 Hojja anini waan dabre qaabad'u, gaafa anini gumi guddo woliini Mana Waaqaa d'aqe, gumi gammada qabdu ta sirbite Waaqaa faarsa yaatu dura deeme, garaani naa hamate. 5 Anini maafi akana tahe laalefad'e gaargala? Anini Waaquma abdad'a; ammalle deebieti Waaqa kiyyafi baafama kiyya faarsa. 6-7 Lafa boojiani iti na geesani tana keesati garaani na hamata, jennaani garaani kiyya isaa ch'alla qabate. Inni waan aka d'awa galaanatiini na d'ae na laalefachise gaargali aka fach'aa bisaanii nati fach'ae, aka bisaani gaara Harmonitiifi ka Mizari iraa dibbisani galaana Yordaniti yaani, nati baafate. 8 AABBO Waaqi ha jaalala isaa ta ind'umanne guyya na garsiisu, aka anini halkaniini faaru Waaqa na jireesuuni kad'ad'u d'aad'u. 9 Anini waan Waaqa jaba na qorqoratuni jed'u, Atini maanifi na deete? Anini maanifi maro nyaapi na dabsufi akana tae boha? 10 Nyaapi kiyya na arabse, Waaqi kanke me? jed'e na gaafanaani, anini araba isaani suni aka male d'ukubsad'e. 11 Anini maafi akana tae laalefad'e gaargala? Anini Waaquma abdad'a; ammalle deebie Waaqa kiyyafi baafama kiyya faarsa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya