Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 41 - KITAABA WAAQA

1 Ayyaana isaati ka hiyyeesaa nahu; hojja inni gaargala qabu AABBO Waaqati isaa qarqaara.

2 Inni isaa qorqorate, lubbu isaa baasa, lafa inni keesa tahu keesati isaa eebisa, ammalle harka nyaapa isaati isa inkennu.

3 Hojja inni fayya d'abe sire keesa ch'iisule, AABBO Waaqi isa qarqaare fayyise jabeesa.

4 Anini waan jed'e, Ee, AABBO Waaqa, anini ya siti ch'ubbame; naa nahi, na fayyisi.

5 Nyaapi kiyya hameenna kiyya dubbate, waan jed'u, Inni yoomi due maqaani isaa bada?

6 Nami tokoleeni d'ugaani na argu ind'ufu; ammo worri nama ch'ufa ira odu tiyya ta hameenna guure, fulla ch'ufa deeme odeesa.

7 Nami na jibbu ch'ufti waan kiyya wolti gungume, hameenna kiyya malate waan jed'u,

8 D'ukubi hamaani ya isa qabate, inni sire iraa inkahu iraale inhafu.

9 Jaali kiyya jabaani ka anini guddo d'aabad'e ka nu sagale woliini nyaannuleeni ya nati garagale.

10 Ee AABBO Waaqa, naa nahi, na fayyisi, aka anini nyaapa kiyya suni haalo baafad'u.

11 Duuba akanaani worri na indabsatu, ammalle aka atini na gammachiiftele beekha.

12 Maro anini waan d'uga tolchufi atini na qarqaarte, haga jiru jireenna fulla tante na teesifta.

13 AABBO Waaqa Israelii faarsa! Ammaafi hegerile faarsa! Amini! Amini!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan