Faaru 40 - KITAABA WAAQA1 Anini obse, qarqaarsa AABBO Waaqa ira eegad'e; jennaani inni na ch'aqase boha tiyya d'agaye. 2 Inni boola hamtu keesaa na baase, maansa anini keesa lit'e keesaa na fuud'e, d'akha gubbaa na d'aabe na jabeese. 3 Inni faaru hareeti Waaqa keennaani faarsani na barsiise. Nami hedduuni waan kana arge sodaate AABBO Waaqa abdata. 4 Ayyaana isaati ka AABBO Waaqa abdate waan harkaani boch'ani kad'achuu dide, waaqoota d'araa gula deemuu didu. 5 Ee AABBO Waaqa keenna atini waan dansa heddu nuu tolchite; nami aka keeti tokoleeni injiru. Atini waan mama heddu nu tolchite, ka anini dandae amma toko tokooni maqa ind'oomne! 6 Atini soriofi waan si baasani infeetu, ammalle hori gubani sorio baasanifi ka sorio dabaani ufi iraa baasani imbarbaadu. Ammo atini gurra anini siini d'agayu naa kennite, 7 tanaafi anini waan jed'e, Anini kunooti; waan atini nati himu feetu ch'ufa ya kitaaba Seera keesati t'aafani. 8 Ee Waaqa kiyya, anini akami fed'i tante guutu fed'a! Barsiisaani tante qalbi tiyya keesa jirti. 9 Gumi tante ch'ufa durati, ee AABBO Waaqa, anini odu dansa ta baafama keeti odeese. Atini imbeeta, anini haga jiru, waan isii odeesu illakisu. 10 Anini odu tante ta baafama garaa kiyya keesati ind'ossine; anini hojja ch'ufa d'uga tanteetifi qarqaarsa kanke odeese. Gumi tante durati anini waan jaalala tante ta ind'umanneetiifi d'uga tante ind'ossine. 11 Ee AABBO Waaqa, anini imbeekha, atini haga jirtu naa nahu indiddu. Jaalalaafi d'ugaani tante hojja ch'ufa na qorqoratti. Aka qarqaarsa Waaqa kad'atani ( Faaru 70 ) 12 Gaargali hedduuni muumme inqamne ya na qabate, ch'ubbuuni tiyya ya na d'aqabde, dandae lafale inargu. Isiini henna inqabdu rifeensa mata kiyyale ira jirti, anini yayu ufi jibbaad'e. 13 Ee AABBO Waaqa, na baasi hurrisi na qarqaari! 14 Nama na ijeesuu fed'u ha dabsatani balleesaniti. Nama maro gaargala kiyyati gammadu ha dudda duubati deebisani ch'eersaniiti. 15 Nama na goyeesule ha mudamsiisani ch'eersani. 16 Nami siti d'ufu ch'ufti ha gammade qilit'amuti. Nami baafama kanke jaalatu ch'ufti ha guyya ch'ufa, AABBO Waaqi akami gudda! jed'uuti. 17 Ee AABBO, anini hiyyeesa laafa, irre inqamne, ammo atini inuma na qaabata. Atini baafama kiyyafi Waaqa kiyya hurrisi, kooti na qarqaari! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya