Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 4 - KITAABA WAAQA

1 Yo anini si yaamu na jala owaad'i, Ee Waaqa, ka d'uga naa taatu. Gaafa anini gaargala qabu ya na qarqaarte, amma naa nahi kad'acha tiyya naa d'agayi.

2 Isani d'iiro, haga yoomi na arabsu lakiftani? Isani haga yoomi waan woma keesa injirre jaalattani waan d'ara gula yau lakiftani?

3 Aka AABBO Waaqi nama d'uga gula deemu ch'ufa fohate qaabad'a, hojja anini isa yaamad'u inni na d'agaya.

4 Sodaad'a, ch'ubbu lagad'a; yo ch'aliftani, sire teesani ira ch'iiftani, waan kana guddisa herega.

5 Sorio d'uga AABBO Waaqaa baasa, waan ch'ufa keesa isa abdad'a.

6 Nama hedduti jira ka Waaqa kad'ate, Ee AABBO, nu eebisi nu nahi jed'u.

7 Ammo gammadi atini naa kennite, gammada worri mid'aanifi daad'i quufe argatu ira jira.

8 Hojja anini gach'iisu anini nagayaani bula. Siuma ch'allati, ee AABBO Waaqa, nagayaani na oolcha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan