Faaru 37 - KITAABA WAAQA1 Waan nami ch'ubbu tahu mamte heredde ufi ingaargalchini; nama waan hamtu tolchule ind'iibeefatiini. 2 Worri yoosu aka buuyo goddu bade, aka mukha gogoge dua. 3 AABBO Waaqa d'ugeefad'i, waan dansaa tolchi; lafale nagayaani keesa tai. 4 Gammada kanke AABBO Waaqa ira barbaadi, duuba inni waan garaani kanke fed'u ch'ufa sii kenna. 5 AABBO Waaqaa ufi kenni, isaa d'aabad'u duuba inni si qarqaara. 6 Duuba akuma aduuni guyyaa lafa guyyaasiftu, inni d'uga tante mullisa. 7 Obsi tai waan AABBO Waaqi si tolchu eegad'i; nama woi horatu, ka yokhaani mala ufi hamaani woi argatu, waan isaa mamte, heredde ufi ingaargalchini. 8 Dallante ufi ingaargalchini; wonti sunini gaargala sitiini d'ufti. 9 Nami AABBO Waaqa eegatu lafa d'aala; ammo ch'ubbicha keesaa gussani. 10 Ch'ubbichi yoosu bada; atini yo barbaadule inagartu; 11 ammo nami ufi inguddimne lafa d'aale woi horate, nagayaani taa. 12 Ch'ubbichi nama dansati malate, isa jibbe, ila hamtuuni laala. 13 Ammo AABBO Waaqi waan aka ch'ubbicha balleesani beekhufi isa kobla. 14 Ch'ubbichi goraade fud'ate t'iya guubeti d'aabe, hiyyeesa woma inqamne ijeese, nama d'uga tolchu fit'a. 15 Ammo worri goraaduma ufiitini hobae, guube worrale ch'ach'absani. 16 Wonti diqooni nami d'ugaa qabu, waan guddo nami ch'ubbu qabu ira jirti; 17 wonti akanatiifi AABBO Waaqi ch'ubbicha irre isaa iraa fuud'a, ammo nama d'ugaa jabeese qorqorata. 18 AABBO Waaqi nama isaa saalfatu jabeese, lafti haga jiru jireenna ta worraa taati. 19 Hojja bari hammaatule, gaargala inargatu, hojja oolaani buutule worri diqole sagale ind'abu. 20 Ammo ch'ubbichi inuma bada; nyaapi AABBO Waaqaa akuma daraara yosu bue bade, aka aara yoosu dabra. 21 Ch'ubbichi liqe fuud'e baasuu dad'aba, ammo nami d'ugaa arjomaani woi namaa kenna. 22 Nami AABBO Waaqi eebise lafa d'aala, ammo ka inni abaare keesaa gussani. 23 AABBO Waaqi ejata nama qajeelche, nama isa gammachiisule jabeese qorqorata. 24 Inni yo jigele achiti inhafu, wonti akanatiifi AABBO Waaqati isa kaasa. 25 Anini amma ya jaare, ganni kiyya ya d'eerate, ammo taka nama d'uga ka Waaqi lakise, ilmaani isaa sagale kad'atu ingarre. 26 Inni hojja ch'ufa akanumati woi namaa kenne woi namaa liqeesa, ammalle ilmaani isaaleeni ta eebaati. 27 Waan hamtu ira deebii, waan dansa tolchi, duuba akanaani d'alooti kanke haga jiru jireenna lafa tana keesa taa; 28 wonti akanatiifi AABBO Waaqi d'uga jaalata, gumi isaa qulqulloole illakisu. Inni haga jiru jireenna worra qorqorata, ammo ilmaani ch'ubbicha lafa keesa gussani. 29 Nami d'ugaa lafa d'aale, haga jiru jireenna keesa taa. 30 Afaani nama d'uga qarooma ch'alla dubbatani, arabi isaaleeni dubbi qajeeltu ch'alla dubbata. 31 Inni Seera Waaqaa jabeese qalbi keesa keeyata, haguma jiru ira ingoru. 32 Ch'ubbichi nama dansa gaade ijeesuu fed'a; 33 ammo AABBO Waaqi harka nyaapa isaati illakisu, yokhaani hojja dubbi isa qorani aka wollaala iti murani ee injed'u. 34 AABBO Waaqa d'aabad'i, dubbi isaa gula deemi; inni lafa sii kenne akasiini gurra siti tolcha; duuba atinileeni worra ch'ubbuu ka lafa suni keesaa gussani agarta. 35 Ch'ubbicha tokoti jira, ka duri nama dabse; aka hind'eesi Lebanoni mukha ch'ufa ira d'eeratu, nama ch'ufa bira dabre. 36 Ammo eege, yo anini d'aatu dabre, inni achi injiru; anini isa barbaade, ammo argu dad'abe. 37 Nama dansa laali, nama d'ugaa hubad'i; nama nagayaa ilmaani inni d'aleti maqa isaa badii d'owa. 38 Ammo ch'ubbicha balleesani, ilmaani inni d'alelle ch'ufa fit'ani. 39 AABBO Waaqi nama d'ugaa qajeela baase guyya gaargala worra qorqorata. 40 Inni worra qarqaare, nyaapa worra duraa baase; ammalle waan worri qarqaarsa isaati baqatefi inni harka ch'ubbichale jalaa baasa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya