Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 36 - KITAABA WAAQA

1 Ch'ubbicha ch'ubbu garaa isaa keesa jirtuti hasaani; inni Waaqa dide diqole insodaatu.

2 Maro inni kiyyiba ufiitiifi ufi olfuud'uufi, inni waan Waaqi ch'ubbu isa arge wollaala iti muru insehu.

3 Dubbini afaani isaa keesaa baatu ch'ufti ta ch'ubbutiifi ta d'araa, ammalle inni waan dansa qajeeltu deebie intolchu.

4 Inni hojja sire gubba ch'iisule waan hamtu malata; wonti inni tolchu tokoleeni dansaaniti, inni waan hamtu tokole indidu.


Dansumma Waaqaa

5 Ee AABBO Waaqa, jaalalti tante ta ind'umanne gubbale ingeeti; d'ugaani teetileeni dumansale bira dabarti.

6 D'ugaani tante akuma gaara d'eerati; d'ugaani atini qorte woini murtuleeni haga d'immu baariini gadi fagaati. Namaafi horileeni harkuma kanke keesa jira.

7 Ee Waaqa, jaalalti tante ta ind'umanne akami dansa! Nu koola kanke jalati nyaapa keenna duraa d'okhanna.

8 Nu sagale guddo atini nu kennite sooranne; dansuma tante ta aka galaana yaatu d'unna.

9 Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.

10 Nama si beekhu akuma qara jaalate kaani jaalad'i. Nama d'uga qabule, akuma qara kaani waan d'uga tolchiifi.

11 Nama kiyyiba na had'uu d'owi, ch'ubbichale na gussuu d'owi.

12 Fulla nami hamaani iti jige laali, worri achuma ch'iisa, dandae olinkau.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan