Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 34 - KITAABA WAAQA

1 Anini hojja ch'ufa AABBO Waaqaa galata deebise, guyya ch'ufale,

2 waan inni tolcheefi isaa faarsa; nami dabsani ch'ufti ha faaru suni d'agaye gammadu.

3 AABBO Waaqa wolumaani guddimne maqa isaa wolumaani faarsina!

4 Anini AABBO Waaqa kad'ad'e, duuba inni na d'agaye, waan anini sodaad'u ch'ufa jalaa na baase.

5 Nami dabsani yo Waaqa d'aabatu ingammada, worri haguma jiru inch'eeru.

6 Yo hiyyeesi isaati bohe, inni ind'agayaafi, gaargala isaa ch'ufa keesaa isaa baasa.

7 Malaikaani AABBO Waaqa, nama isa sodaatu eedde, gaargala keesaa baafti.

8 Aka AABBO Waaqi dansa ufumaani argi. Ayyaana isaati ka isaati d'eetu.

9 Nami AABBO Waaqa d'ugeefatu ch'ufti isa sodaad'a. Nami isaa saalfatu ch'ufti womafu irakatu.

10 Nyeench'ileeni sagale d'abe imbeela, ammo nami AABBO Waaqa barbaadu waan dansa tokole ind'abu.

11 Ilmaani tiyya koota na ch'aqasa, aka Waaqa sodaatani isani barsiisa.

12 Atini jireenna dansa feeta? Gammade lubbu tante ta d'eeratu feeta?

13 Yoosi hameenna indubbatiini yokhaani inkiyyibini

14 ch'ubbu ira deebii, waan dansaa tolchi; garaa kanke ch'ufaani nagaya barbaadi.

15 AABBO Waaqi nama d'ugaa qajeela ilaale, hojja worri isa yaamule jalaa owaata;

16 ammo nama ch'ubbu hojattu indida, duuba akasiini hojja worri duu, deebiani inqaabatani.

17 Hojja nami d'ugaa qajeelani AABBO Waaqa yaamatu, inni jalaa owaate gaargala isaa ch'ufa keesaa baasa.

18 Nama ufi jibbaate AABBO Waaqi iti d'iaat'e, ka abdi womatu inqamnele baasa.

19 Nami dansaani gaargala heddu argata, ammo AABBO Waaqi gaargala suni ch'ufa keesaa isa baasa,

20 aka jaba isa qorqorate lafe isa tokole ch'abu d'owa.

21 Ch'ubbicha ch'ubbuma isaati ijeesa, nama nama d'ugaa jibbu wollaala iti murani gaargalchani.

22 AABBO Waaqi gumi ufii baase, nama isaati baqatu ch'ufa lubbu baasa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan