Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 33 - KITAABA WAAQA

1 Isani worri d'ugaa, waan AABBO Waaqi isanii tolche jed'a gammadaa sirba; isani nami isaa saalfatu ch'ufti isa faarsa.

2 AABBO Waaqa kiraari d'aafi sirba, galata deebisaafi.

3 Sirba hareesa sirba, aka dansaa kiraari d'aa, gammadaa sirba!

4 Dubbini AABBO Waaqaa ch'ufti ta d'ugaati, wonti inni hojatu ch'ufti waan nami heregatu.

5 AABBO Waaqi waan d'ugaa qajeeltu jaalata, jaalalti isaa ta ind'umanne lafa ch'ufa guuti.

6 AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.

7 Inni bisaani ch'ufa fulla tokoti wolti deebise, d'immu baariinilee fulluma isiiti ch'ufe olkaye.

8 Nami lafa keesa jiru ch'ufti ha AABBO Waaqa sodaatu, nami lafa keesa tauleeni ha isa guddisu!

9 Inni dubbannaani lafti uumamte, jecha isaa gula wonti ch'ufti mullate.

10 AABBO Waaqi mala gosa d'ibi balleese, herega biyyale yaka.

11 Ammo mali isaa haga jiru jireenna taa, heregi isaaleeni haga jiru jireenna jira.

12 Ayyaana gosa suni, ta AABBO Waaqa, Waaqa ufii tolfatu; ayyaana worra inni fohate gumi ufii tolfate!

13 AABBO Waaqi gubbaa gadi ilaale nama ch'ufa arga.

14 Inni fulla tae nama fidu gadi ilaale, nama lafa gubba jiru ch'ufa arga.

15 Inni herega worra ch'ufa qajeelche waan worri tahu ch'ufa beekha.

16 Hayyuuni maro askartini isa hedduutifi nama indabsatu; askartileeni jabeenna isiitiini nama indabsatu.

17 Fardi duula dandae nyaapa namaa indabsachisu; irreeni isaa dandeete nama imbaaftu.

18 AABBO Waaqi nama isaa saalfatu, ka jaalala isaa ta ind'umanne d'aabatu, eege qorqorata.

19 Inni dua jalaa worra baase guyya beelale worra jireesa.

20 Nu AABBO Waaqa d'aabanna, inni qarqaarsa keennafi wonte teenna.

21 Nu maro isaatiifi gammanne, maqa isaa qulqullo d'ugeefanna.

22 Ee AABBO Waaqa, jaalalti tante ta ind'umanne ha guyya ch'ufa nu woliini jiraatuuti; nuleeni guyya ch'ufa suma hereganna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan