Faaru 32 - KITAABA WAAQA1 Ayyaana isaati, ka daba isa araaramanifi wollaala isaa biraa deemaniifi. 2 Ayyaana isaati, ka AABBO Waaqi womaani inhimanne, ka ammalle kiyyiba womatu inqamne. 3 Gaafa anini ch'ubbu tiyya himachu dide, anini guyya ch'ufa bohe nafi na d'umate. 4 Ee AABBO Waaqa, atini halkani guyya na d'aante, irreeni naraa hobaate, nafa kiyyale, akuma aduuni bona hagayya woi gossitu, na gossite. 5 Duuba anini ch'ubbu tiyya siti himad'e wollaala kiyya ch'ufa siti mullise waan jed'e, Anini daba kiyya AABBO Waaqati himad'a duuba atini akanaani ch'ufa naa araaramte. 6 Tanaafi nami si beekhu ch'ufti, yo d'iba qabu, si kad'achu male; hojja bisaani fach'aani gaargali d'ufu, bisaani sunini isa ind'aqabani. 7 Atini fulla anini iti d'okhad'u, ka gaargala duraa na baaftu, waan atini na qorqoratuufi anini baafama kanke faarsa. 8 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini kara atini deemtu si barsiise, si gorse si qajeelcha. 9 Aka fardatiifi yokhaani aka gaange indaallaini, ka lugamaafi fuuloni lenjisani harkati deefatani. 10 Ch'ubbichi gaargala ind'abu, ammo nama AABBO Waaqa d'ugeefatu jaalala isaa ta ind'umanneeni qorqoratani. 11 Isani worri d'uga, maro waan AABBO Waaqi tolcheteefi gammada qilit'ama. Isani worri isaa saalfatu gammadaa sirba! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya