Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 3 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, anini nyaapa heddu qaba, ka na dide sidi nati tahe!

2 Worri waan kiyya dubbate waan jed'u, Waaqi isa inqarqaaru.

3 Ammo atini, ee AABBO Waaqa, wonte naa taate, waan ch'ufa na dabsachiifte, garaa na jabeesita.

4 Anini Waaqa yaamad'e, inni gaara isaa qulqullo iraa na jalaa owaate.

5 Anini gach'iise rafa, halkani ch'ufa AABBO Waaqati na qorqorata.

6 Anini nyaapa kiyya ka kuma heddu, ka gara ch'ufa na marsuu jiru diqole insodaad'u.

7 AABBO Waaqa, kooti naa baasi! Atini nyaapa kiyya d'abanaafte, ilkaani worra ch'ubbuu ch'absite.

8 Dabsachaani AABBO Waaqa ira d'ufti, inni gumi ufii ha eebisuti!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan