Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 29 - KITAABA WAAQA

1 Isani, ilmaani gubbaa, AABBO Waaqa faarsa, guddinnaafi irre isa faarsa.

2 Maqa AABBO Waaqa guddaa faarsa, Waaqa qulqullo durati gajed'a guddisa.

3 Qonqo AABBO Waaqa bisaani gubbati d'agayani, Waaqi guddaani mandie, hoga isaa baariini keesati d'agayani.

4 Qonqooni AABBO Waaqaa jabdu, aka qonqo hayyu irre qabdi.

5 Qonqooni AABBO Waaqa hind'eesa ch'absite, hind'eesa Lebanonile balleesiti.

6 Inni gaareeni Lebanoni aka yabbiye burasise, gaara Hermonile aka jibicha korma olch'ech'esisa.

7 Qonqooni AABBO Waaqaa angaasu angaasifte.

8 Qonqooni isaa lafa gamooji chochoofte, isiini lafa gamooji ta Kedeshile chochoosifti.

9 Qonqooni AABBO Waaqaa mukha jaba chochoofte mukha baddale obeensa iraa jissiti; Mana isaa keesale nami ch'ufti, Waaqa ha guddisani jed'e lalaba.

10 AABBO Waaqi d'immu bisaanile mohate haga jiru jireenna lafa fida.

11 AABBO Waaqi gumi ufii eebise nagaya kennaafi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan