Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 28 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, siida kiyya anini si yaamad'a na jalaa indidiini na ch'aqasi. Yo atini na ch'aqasu didde, anini nama boola ekherati deemu taha.

2 Hojja anini mana kanke qulqullooti harka olqabad'u kad'acha tiyya na d'agayi, qarqaarsa anini si kad'ad'u naa kenni.

3 Nama ch'ubbu tolchu, ka hameenna jaalatu — worra dubbi nagaya dubbate, ammo garaa isaani keesa hameenni guutu woliini, na imballeesini.

4 Huji worraatifi waan hamtu worri tahe jed'i worra gaargalchi, haalo baafad'i!

5 Worri waan AABBO Waaqi tolcheefi yokhaani waan inni uume odu inkaasu, tanaafi inni worra balleesa deebiele iyyaalu.

6 AABBO Waaqa ha faarsani; inni yayu kad'acha tiyya d'agaye na qarqaare.

7 AABBO Waaqi irreefi wonte tiyya, anini isa d'aabad'e, inni na qarqaare na gammachiisa; tanaafi anini sirbe isa faarsa.

8 AABBO Waaqi gumi ufii jabeese, hayyu inni fohate muude qorqorate baasa.

9 Ee AABBO Waaqa, gumi tante baasi nama kankele eebisi. Tissitu worraa tahi, haga jiru jireenna worra hampaari qorqorad'i.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan