Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 27 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi ifsafi baafama kiyya; anini nama tokole insodaad'u. AABBO Waaqi gaargala lubbu ch'ufa duraa na baasa, anini woma insodaad'u.

2 Hojja nami hamaani na had'e, na nyaachu fed'e nyaapa nati tahe, worri gugufate jijiga.

3 Ato duuli na marsele anini insodaad'u, ato nyaapi na had'ele anini garaa jabaad'a.

4 Anini waan toko ch'alla AABBO Waaqa kad'ad'a, waan toko ch'alla isaa iraa fed'a: aka haga jiru ch'ufa mana AABBO Waaqa keesa tae mid'aaguma isaa mame, Mana isaa keesati isa kad'ad'u.

5 Guyya gaargalaa inni na baase, Mana ufii keesati na jabeese, d'akha d'eera gubbaa na kaya.

6 Akanaani anini nyaapa na dabsu dabsad'e, Mana isaa keesati gammade lalabe sorio baasa; anini sirba baase AABBO Waaqa faarsa.

7 Ee AABBO Waaqa hojja anini si yaamad'u na d'agayi, naa nahi, kad'acha tiyya naa d'agayi.

8 Gaafa atini, kooti na kad'ad'i nani jette, anini, AABBO Waaqa ind'ufa;

9 na duraa ind'okhatiini siini jed'e! Nati indallaniini, hojattu tante ufi biraa ingussini. Atini ya qarqaarsa naa taate, na illakisiini lafale na imbuusini, ee Waaqa ka na baasu.

10 Abbaafi haati tiyya dandeete na lakifti, ammo atini, AABBO Waaqa, na qorqorata.

11 Ee AABBO Waaqa, fed'i tante na barsiisi, kara qajeela gula na qajeelchi, wonti akanatiifi nyaapi kiyya heddu.

12 Nyaapa suni ka d'araani had'e na balleesuu fed'u nati illakisiini.

13 Anini imbeekha, aka, ato jiru, dansuma AABBO Waaqaa ila tiyyaani argu.

14 AABBO Waaqa d'aabad'i, garaa jabaad'i, isa d'ugeefad'i. AABBO Waaqa d'aabad'i.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan