Faaru 26 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa d'uga naa muri, wonti akanatiifi anini ya waan d'uga tolche, si ch'alla d'aabad'e. 2 Ee AABBO Waaqa, na ilaali, na argi garaafi qalbi tiyya hubad'i. 3 Jaalalti tante ta ind'umanne hojja ch'ufa kara naa akheeti, anini d'uga tante keesa deema. 4 Anini nama d'araati iwahelchu, kiyyibale iti ind'iad'u. 5 Anini nama waan hamtu tolchu wahelchu infed'u, ch'ubbichale woma ira inqabu. 6 AABBO Waaqa, anini harka d'iqad'e, aka ch'ubbu inqamne garsiise, waan sorio irati si baasanini mara. 7 Anini faaru galataani si deebisani, d'aad'e, waan kanke ch'ufa biyyati hima. 8 Ee AABBO Waaqa, anini mana atini keesa teetu, fulla guddinni kanke jiru, guddo jaalad'a. 9 Worra ch'ubbu woliini na imballeesini; badii nama woi ijeesule jalaa na baasi — 10 worra hojja ch'ufa ch'ubbu hojate, gumbo nama ira fud'atu. 11 Anini gama kiyyaani waan d'uga tolcha, naa nahi na baasi! 12 Anini soda waan ch'ufa ya duraa bahe, fulla dansa eja, tanaafi gumi AABBO Waaqaa keesa isa faarsa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya