Faaru 25 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, anini si kad'ad'a. 2 Ee Waaqa kiyya anini si d'aabad'a. Aka nyaapi kiyya na dabsate na ch'eerse na ingoyeesine tahu na d'owi! 3 Worra si heregatu nami dandae indabsatu, ammo ka hurre garagale si didu inuma dabsatani. 4 Ee AABBO Waaqa, kara kanke na garsiisi, daandi tante na barsiisi. 5 D'uga tante gula na qajeelchi, waan dansa na barsiisi; atini Waaqa kiyya, ka na baasu, anini hojja ch'ufa si d'aabad'a. 6 Ee AABBO Waaqa, naasufi jaalala tante ta ind'umanne, ta atini haguma duriti na garsiifte qaabad'i. 7 Ch'ubbufi wollaala gaafa anini kaima tolche biraa naa deemi; dansumafi jaalala tante ta ind'umanneeni na qaabad'i. 8 AABBO Waaqi dansa qajeela, tanaafi inni nama ch'ubbu karaati qajeelacha. 9 Inni nama ufi inguddimne kara d'uga qajeelche, fed'i ufii garsiisa. 10 Inni nama wold'aqisa isaa jabeese seera isaa guutu ch'ufa, d'ugaafi jaalala ind'umanneeni jabeesa. 11 Maqa keeti jed'i, ee AABBO Waaqa, ch'ubbu tiyya heddu naa araarami. 12 Nami AABBO Waaqa sodaatu eenu? Waaqi nama akasi suni kara fohateefi agarsiisa. 13 Nami sunini woi horata, ilmaani isaaleeni lafa d'aalti. 14 AABBO Waaqi nama isa sodaatu jaala tahe wold'aqisa inni worra woliini tolfate jabeesa. 15 Anini hojja ch'ufa qarqaarsa AABBO Waaqa ira barbaada, inni hojja ch'ufa gaargala keesaa na baasa. 16 Ee AABBO Waaqa, nati deebii, naa nahi, anini nama laafa wahela inqamne. 17 Gaargala kiyya naraa fuud'i, d'ipu tiyya keesaa na baasi. 18 D'ipufi gaargala kiyya ilaali ch'ubbu tiyya ch'ufa naa araarami. 19 Aka nyaapi nati heddate ilaali, aka worri na jibbu hubad'i. 20 Na qorqorad'i, na baasi, ch'eera na d'owi, anini siti d'eed'a. 21 Dansuma tiyyafi qajeelumti tiyya ha na baaftu, nami anini heregad'u si. 22 Ee Waaqa, worra Israeli, gaargala ch'ufa keesaa baasi! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya