Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 24 - KITAABA WAAQA

1 Lafafi wonti isi keesa jira ch'ufti ta AABBO Waaqaati; biyyeefi wonti isi gubba jira ch'ufti tama isaati.

2 Inni d'immu bisaani baariini keesati yayaba lafaa jaare.

3 Eenuti dandae gaara AABBO Waaqaa olkora? Eenuti dandae mana isaa qulqullo seene keesa eja?

4 Nama garaa qulqullo, ka harki isaa woi iyyakine, ka waan harkaani boch'ani inkad'anne, yokhaani ka waan d'araatiini inkakhanne.

5 Nama suni AABBO Waaqi eebise baase, atini wollaala inqabdu jed'aani.

6 Nami Waaqati d'ufu worra akana akana, ka Waaqa Yakobo barbaade iti d'ufu.

7 Fullo ch'ufana duraa fuud'a balbala dullati bana, aka hayyuuni guddinna olseenu.

8 Hayyuuni guddinna kunini eenu? Inni AABBO Waaqa, ka jabeennaafi irre qabu, AABBO Waaqa, ka nyaapa ufi dabsatu.

9 Fullo ch'ufana duraa fuud'a balbala dullati bana, aka hayyuuni guddinna olseenu.

10 Hayyuuni guddinna kunini eenu? Inni AABBO Waaqa gudda, ka nyaapa ufii dabsatu!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan