Faaru 23 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqi tissitu tiyya; anini waan fed'u ch'ufa inargad'a. 2 Inni lafa marra doti keesati na boqochiise, bisaani ch'ulki laana yaati na geese, 3 lubbu nati deebisa. Inni akuma nati kakhate kaani kara qajeela na qajeelcha. 4 Yo anini dukana sipe keesa deemule, ee AABBO Waaqa, atini na woliini jirta, tanaafi anini woma insodaad'u. Uleefi harch'umeeni tante na jabeesiti. 5 Atini nyaapa kiyya ch'ufa durati jila naa tolchite; d'ad'ale na muude, waan anini d'ugule naa kennite na quubsite. 6 Dansumafi jaalalti tante haga anini jiru ch'ufa na illakiftu; haga anini jiru ch'ufa mani kanke naa worra. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya