Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 23 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi tissitu tiyya; anini waan fed'u ch'ufa inargad'a.

2 Inni lafa marra doti keesati na boqochiise, bisaani ch'ulki laana yaati na geese,

3 lubbu nati deebisa. Inni akuma nati kakhate kaani kara qajeela na qajeelcha.

4 Yo anini dukana sipe keesa deemule, ee AABBO Waaqa, atini na woliini jirta, tanaafi anini woma insodaad'u. Uleefi harch'umeeni tante na jabeesiti.

5 Atini nyaapa kiyya ch'ufa durati jila naa tolchite; d'ad'ale na muude, waan anini d'ugule naa kennite na quubsite.

6 Dansumafi jaalalti tante haga anini jiru ch'ufa na illakiftu; haga anini jiru ch'ufa mani kanke naa worra.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan