Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 21 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, hayyuuni gammachu qaba, waan atini jabeenna isaa kenniteefi; maro atini isa dabsachifteefi inni akami gammada qaba.

2 Atini waan garaani isaa fed'u isaa kennite, waan inni kad'atu guuteefi.

3 Atini d'ufte eeba guddo kenniteefi, sure hayyuma ta worqi mata isaa gubbaa keete.

4 Inni jireenna si kad'annaani, jireenna haguma jiru ind'umanne kenniteefi.

5 Maro qarqaarsa keetitifi guddinni isaa yayu guddate; atini yayu gurrafi ulfinna gudda kenniteefi.

6 Eebiti tante ta haga jiru jireenna isa woliini jirti, waan atini isa woliini jirtuufi inni ingammada.

7 Hayyuuni AABBO Waaqa gudda abdata; maro jaalala Waaqa ta ind'umanneefi hayyule inchochomne.

8 Hayyichi nyaapa ufii ch'ufa qabe, nama isa jibbule ch'ufa qaba.

9 Inni hojja d'ufu aka ibida bobau gube worra balleesa. AABBO Waaqi dallansu isaa keesa worra liqimse, ibidileeni worra hobaasa.

10 Ilmaani worra tokoleeni imbaatu, ch'ufa hayyuti hobaasa.

11 Worri ato malafi malte iti tolchele isa indabsatu.

12 Inni t'iya isaatini worra had'e worri garagale baqata.

13 Ee AABBO Waaqa, nu jabeenna kanke faarsina, ammalle sirbineti irre tantele faarsina.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan