Faaru 20 - KITAABA WAAQA1 Guyya atini gaargala qabdu, AABBO Waaqi ha kad'acha tante d'agayu! Waaqi Yakobo ha si qorqoratu! 2 Inni ha mana ufii keesaa qarqaarsa si erge, gaara Sioni iraa d'ufe si baasuti. 3 Inni ha waan atini isaa baaftu ch'ufa fud'ate, sorio tante ch'ufa iraa gammaduti. 4 Inni ha waan atini feetu ch'ufa sii kenne, mala kanke ch'ufa si guututi. 5 Duuba nu hojja atini nama dabsattu gammanne, maqa Waaqaa kennatiini bandera keenna old'aamna! AABBO Waaqi fed'i tante ch'ufa ha guututi. 6 Amma anini imbeekha, aka AABBO Waaqi hayyu inni fohate muude baasu. Inni fulla isaa qulqullo gubbati isa ch'aqase, jabeenna isaatini waan heddu isa dabsachiisa. 7 Nami gari gaari ufii d'ugeefata. Ka gari fardoole ufii d'ugeefata; ammo nu maqa AABBO Waaqa keenna d'ugeefanna. 8 Nami akasi sunini gufateti lafa d'aa, ammo nu olkaane jajabaanne ejaanjina. 9 Ee AABBO Waaqa, hayyuu dabsachaa kenni; hojja nu si yaamanu nu d'agayi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya