Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 2 - KITAABA WAAQA

1 Gochiti ch'ufti maanifi dallante mala woma imbaane d'aati?

2 Hayyooti worraa AABBO Waaqafi hayyu inni muude fohateeti garagalte ch'ubbu iti malatte.

3 Koota sansalata worraa ufira kunne, mootuma worra jala bana jed'ani.

4 AABBO Waaqi barch'uma isaa ka gubba ira tae worra koble goyesa.

5 Duuba inni worrati dallane, dallansu sunini worra mudamsise,

6 waan jed'u, Anini gaara kiyya qulqullo Sioni gubba yayu hayyu kiyya kaye.

7 Hayyichi waan jed'u, Anini waan AABBO Waaqi jed'e, biyyati hima. Inni waan nani jed'e, Atini ilma kiyya, anini ya arra abba sii tahe.

8 Na kad'ad'i, anini gosa lafa keesa jirtu ch'ufa sii kenna. Lafti ch'ufti haguma geetunu tante taati.

9 Atini ule sibiilatiini worra ch'ach'absite; aka okote faara gargari bulleesita.

10 Ee hayyoota, gorsa kana d'agaya, ee worra lafa fidu, waan kana qalbeefad'a.

11 AABBO Waaqa sodaad'a hojad'aafi;

12 holad'a, isa durati ga jejed'a; aka inni hurre isaniti dallane, isani yoosu indoone. Ayyaana worra AABBO Waaqati d'eete qarqaarsa ira barbaaduti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan