Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 19 - KITAABA WAAQA

1 Gubbaani guddinna Waaqaa nama garsiifte, waan inni harka ufiitini mid'aase namati himti.

2 Guyyaani guyya iti aanuti woi hima halkanileeni halkani iti aanati woi odeesani.

3 Worri afaani inqabu, yokhaani woma indubbatu, qonqo isaanile ind'agayani;

4 ammo qonqooni worra fulla ch'ufa guute, dubbini worraaleeni muumme lafaa d'aqabde. Waaqi adu gubba qubsise;

5 isiini diirama akuma nama dubra fuud'e gammadu baate, akuma qolcha nama ka gammadani ch'eu utaalti.

6 Isiini ilaborutiini gabaate ila galchutiini d'iiti wonti owa isi duraa d'okhata injirtu.


Seera AABBO Waaqaa

7 Seeri AABBO Waaqaa qit'e, irre namati tolcha. Dubbini AABBO Waaqaa yo d'ugeefatani nama woi imbeennele inqaaroomsiti.

8 Aadaani AABBO Waaqa qajeeltu, ka gula deemuleeni ingammada. Jechi AABBO Waaqa ka d'ugaati, qalbi namale woi hubachiisa.

9 AABBO Waaqa sodaachani waan dansa, sodaani tunini haga jiru jireenna teeti. Murani AABBO Waaqaa ta d'ugaati; diqole wollaala inqabdu.

10 Murani sunini worqi ch'ufa ira mid'aadi, dammale ira mioofti.

11 Isiini ana, hojattu tanteeti, gorsa taati, yo anini jabeesele woi naa baati.

12 Eenu nami dandae wollaala ufii argu? Ee AABBO Waaqa, wollaala kiyya, ka nami ingarre, naa araarami!

13 Ammalle ch'ubbu anini beekha tolchele duraa na baasi; isi na mohachu d'owi. Duuba akanaani anini qulqullae, ch'ubbu iraa fagaad'a.

14 Dubbi tiyyafi heregi kiyya ha si gammachiisu, ee AABBO Waaqa, siida kiyyafi baafama kiyya!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan