Faaru 16 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, anini siti d'eed'a na qorqorad'i. 2 Anini waan AABBO Waaqaani jed'u, Ee AABBO si male anini waan dansa tokole inqabu. 3 Worri AABBO Waaqa sodaatu akami dadansa! Gammadi kiyya guddaani yo anini worraa suni woliini jiru. 4 Worri waaqoota d'ibi gula oriu gaargala heddu ufitiini d'ufa. Anini d'iiga worri d'ibaayu baasu keesa injiru; waaqoota worrale maqa d'ae inkadad'u. 5 AABBO Waaqa, si male anini waan d'ibi inqabu. Atini waan anini fed'u ch'ufa naa kennita, wonti anini tahu ch'ufti harka kanke keesa jirti. 6 Wonti atini naa kennite ch'ufti akami dadansa, finni atini na fiddu ch'ufti guddo mid'aaga. 7 Anini AABBO Waaqa faarsa waan inni na gorse, halkanile na qajeelchuufi. 8 Anini waan ch'ufa keesa AABBO Waaqa dursa, waan inni hojja ch'ufa na woliini jiruufi nami tokoleeni dandae na inchochoosu. 9 Tanaafi garaani kiyya gammade qilit'ama, nafi kiyyaleeni woma insodaatu. 10 Wonti akanatiifi atini dua duraa na baafte, nama atini jaalattu boola ekherati ingeesitu. 11 Atini kara jireenna na garsiifte; yo fulla tante jiru anini gammada qaba, atini haga jiru jireenna na machesita. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya