Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 15 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, eenuti dandae mana kanke seena? Eenuti dandae Sioni, gaara kanke qulqullo, ira tae si kad'ata?

2 Nama wollaala inqamne, ka waan qajeeltu ch'alla tolchu, ka dubbi d'uga ch'alla dubbatu,

3 ka waan tokoleeni nama iyyakine, ka jaala isaa waan hamtu intolchine ka yokhaani olla ufi iyyakine,

4 ka nama Waaqi didu tufate, nama Waaqa sodaatu ulfeesu ka ato haga fed'u gaargalele kakhu ufii illakimne,

5 ka hori namaa liqeese tirfi ira infud'anne. Ka gumbo fud'ate nama woma iyyakini dubbi d'araatiini inhimanne. Nama waan akana kana tolchu ch'ufa dandaani inchochoosani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan