Faaru 149 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa faarsa! Sirba hareesani AABBO Waaqa faarsa; woldeenna gumi isaa ta d'uga keesati, isa faarsa! 2 Worra Israeli, maro nama isani uumetifi gammada; gumi Sioni maro hayyu keesanitifi qilit'ama. 3 Sirbaa, olch'ech'ea, maqa isaa faarsa; dibefi kiraari d'aa, isa faarsa. 4 AABBO Waaqi gumi ufi iraa gammade, nama ufi inguddimniele nyaapa isaa dabsachiise ulfeesa. 5 Gumiini Waaqa ha gammade, geerarte, halkani ch'ufa gammadani sirbituti. 6 Worri ha iye AABBO Waaqa faarsu! Hojja suni worri ha goraade qara qabdu harkati qabate, 7 gosa d'ibi dabsate, worra d'ibi gaargalche 8 hayyoota worraa sansalatani hid'e jara worra gugurda sibiilani hid'e, 9 akuma Waaqi jed'e gosa ch'ufa gaargalchuti. Tunini dabsachacha Waaqi gumi ufiiti kenne. AABBO Waaqa faarsa! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya