Faaru 148 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa faarsa! Isani worri gubbati galu gubba suni, AABBO Waaqa faarsa. 2 Malaikaani isaa ch'ufti isa faarsa, duuli isaa ka gubba ch'ufti isaa faarsa. 3 Aduufi jiaafi urjini bibilit'u ch'ufti, isaa faarsa. 4 Gubba olfagootifi bisaani achi jiraleeni, isaa faarsa. 5 Worri ch'ufti ha maqa AABBO Waaqa faarsu. Inni dubbannaani worra ch'ufa uumani; 6 jecha isaa gula haga jiru jireenna worra ch'ufa fulla ufi kayani worri dandae indidu. 7 Lafa gubbale AABBO Waaqa faarsa: gorjama bisaani keesati galufi d'immu baariinitifi 8 angaasufi bokaya d'akhaani roobufi qabanafi dumansaafi bubbeeni jajabduni seera isaa guutuleeni. 9 Kubileefi gaareenifi mukha mid'aanitifi hind'eesafi 10 bineensa alaa ch'ufafi hori ch'ufafi waan garaani lafa ira loatifi wonti koola ch'ufti, isa faarsa. 11 Hayyootafi gosa ch'ufafi jaarole lafa fidufi nama lafa mohatufi 12 dubrafi ijoolle d'iiratifi jaaroleefi ijoolleeni didiqoleni, isa faarsa. 13 Worri kunini ch'ufti ha maqa AABBO Waaqa faarsuti! Wonti akanatiifi maqaani isaa maqa waan ch'ufa ira jira; ammalle guddinni isaa lafafi gubbale ira jira. 14 Inni ya gosa ufiti jabeenna kenne aka akasiini gumiini isaa ch'ufti isa faarsitu — gumi Israeli ta inni guddo jaalatu. AABBO Waaqa faarsa! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya