Faaru 147 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa faarsa! Aki Waaqa keenna faarsani guddo dansa: faaruni isaa waan dansa ta nami hojja ch'ufa d'aachu male. 2 AABBO Waaqi Yerusalemu ta qara bade jaare, worra Israeli ka boojiani lafa d'ibi geesani iti deebisa. 3 Inni nama ufi jibbaate garaa hamaate fayyise, mada worrale hid'a. 4 Inni urji ch'ufa hede isi ch'ufa maqa isiitiini yaama. 5 AABBOONI keenna guddinnaafi jabeenna qaba; qalbi isaa dandaani haga imbeekhani. 6 Inni nama ufi inguddimne kaase, ammo ch'ubbicha lafa buuse balleesa. 7 AABBO Waaqaa sirba, galata deebisaafi, kiraari d'aa, Waaqa keenna faarsa. 8 Inni dumansa gubbati guure, bokaya lafati roobe buuyo gaareeni gubbati baasa. 9 Inni sagale horii kenne, ilmaani haranqeesale, hojja isiini isaa kad'atu, nyaachisa. 10 Inni jabeenna fardati ingammadu, yokhaani humniti namaa isa ingammachiiftu, 11 ammo nama isa sodaate, jaalala isa ta ind'umanne abdatuti isa gammachiisa. 12 Ee Yerusalemu AABBO Waaqa faarsi, ee Sioni Waaqa kanke faarsi! 13 Inni naqato balbala tanteeti jabeese gumi tanteetile eebisa. 14 Inni seera lafa teeti nagaya tolche, dargaye dansaani si quubsa. 15 Inni lafati dubbate, dubbi isaa suni yoosu tolchani. 16 Inni qabana aka woya lafati uyise, ebele qabanooftu aka daara lafati firfirsa. 17 Inni bokaya d'akhaani roobu aka ch'abbi lafati buusa; nami tokoleeni qabana isaa suni inoobsu! 18 Duuba inni dubbannaani qabanti sunini ch'ufti badde; ammalle bubbe erge bisaani gayaasa. 19 Inni dubbi ufi gumi isaati erge barsiisa isaatiifi seera isaa worra Israelitii kenna. 20 Inni waan kana gosa d'ibii intolchine, wonti akanatiifi isiini seera isaa imbeetu, AABBO Waaqa faarsa! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya