Faaru 146 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa faarsa! Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqa faarsi! 2 Anini haga jiru ch'ufa isa faarsa! Jireenna kiyya ch'ufa keesa Waaqa kiyyaa sirba. 3 Hayyoota lafa inabdatini, nami si baasu tokoleeni injiru. 4 Nami, yo lubbuuni keesaa baatu, biyyeeti deebia; guyyuma suni mali isaa ch'ufti hobaa. 5 Ayyaana isaati ka Waaqi Yakobo qarqaare, innileeni AABBO Waaqa ufi, 6 ka lafafi gubbafi baariinifi waan keesa jira ch'ufa uume heregatu. Inni hojja ch'ufa kakhu ufi guute; 7 nama dabsanile dubbate nama beela qabule beela baasa. AABBO Waaqi nama hid'aansa keesa jiru hiikhe, 8 ballaale ila bana. Inni nama jige kaase gumi ufi ta d'uga gula yaatu jaalata. 9 Inni keessuma lafa teenna keesa teetu qorqorate, haad'a hiyyeesatiifi ilmaani hiyyeeyi qarqaare mala ch'ubbicha ch'ufa balleesa. 10 AABBO Waaqi haga jiru jireenna lafa fida. Ee Sioni Waaqi kanke d'aloota ch'ufaa hayyu taha. AABBO Waaqa faarsa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya