Faaru 145 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, hayyu kiyya, anini guddinna kanke faarse haga jiru jireenna galata si deebisa. 2 Anini guyya ch'ufa galata si deebise haga jiru jireenna si faarsa. 3 AABBO Waaqi gudda, isa guddo faarsuu malani; guddinna isaa dandaani inhubatani. 4 Waan atini tolchite ch'ufa d'aloota kanafi d'aloota d'ibile ch'ufa keesati faarsani; huji tante jabdu inodeesani. 5 Waan guddinna kanketitifi ka hayyuma teetile dubbatani; aninileeni huji tante ta mama waan isii herega. 6 Biyyiti waan huji tante jabdu dubbate anileeni guddinna kanke odeesa. 7 Worri dansuma tante dubbate d'uga tante faarsa. 8 AABBO Waaqi naasufi jaalala qaba; inni hurre indallanu, jaalalti isaaleeni ind'umatu. 9 Inni nama ch'ufaa dansa, waan inni uume ch'ufa innaha. 10 Ee AABBO Waaqa wonti atini uumte ch'ufti si faarsite, gumiini tante qulqullooni ch'ufti galata si deebifti. 11 Worri guddinna finna keeti dubbate jabeenna keetile odeesa, 12 aka nami ch'ufti huji tante jabdufi guddinna finna keeti beekhu. 13 Finni kanke ka haga hegeriti, hayyumti tante haga jiru jireenna teeti. AABBO Waaqi kakhu ufi inguuta, wonti inni tolchu ch'ufti dansa. 14 Inni nama gaargala keesa jiru qarqaare, nama jigele kaasa. 15 Wonti lubbu qaba ch'ufti si laalti, ammalle yo worri sagale fed'u atini inkennitafi. 16 Atini sagale guddo kenniteefi akasiini worra quubsita. 17 AABBO Waaqi waan tolchu ch'ufa d'ugaani tolcha; waan tahu ch'ufa keesa naasu qaba. 18 Inni nama d'ugaafi garaa tokooni isa yaamatuti d'iaata. 19 Inni nama isa sodaatu, waan inni fed'u kennafi; inni boha worraa d'agaye worra baasa. 20 Inni nama isa jaalatu ch'ufa imbaasa, ammo ch'ubbicha imballeesa. 21 Anini hojja ch'ufa AABBO Waaqa faarsa; wonti inni uume ch'ufti ha maqa isaa qulqullo haga jiru jireenna faarsitu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya