Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 143 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, kad'acha tiyya naa d'agayi! D'uga tanteetiini na jalaa owaad'i qajeeluma tante gula na ch'aqasi!

2 Ana hojattu tante qorsumati ingeesini; wonti akanatiifi nami tokoleeni ka si durati ch'ubbu inqamne injiru.

3 Nyaapi kiyya na reebe, aka male na dabsate, mana dukana keesati na hid'e, worra duri dueni wolti na galche.

4 Tanaafi anini amma ya ufi jibbaad'e lubbuuni na d'ufte.

5 Anini guyya dabre qaabad'a, waan atini ch'ufa tolchite herege, huji tante ch'ufa qaabad'a.

6 Lubbuuni tiyya aka lafa gogodde sii d'eeboti, tanaafi harka si dura qabad'e si kad'ad'a.

7 Ee AABBO Waaqa, anini ya ufi jibbaad'e hurrisi na ch'aqasi. Na duraa ind'okhatiini, nama due boola ekherati deemu tahu na d'owi.

8 Diirama ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne na qaabsisi wonti akanatiifi abdiini tiyya siuma. Anini si kad'ad'a kara anini deemu na garsiisi.

9 Ee AABBO Waaqa, anini siti d'eed'a, nyaapa kiyya duraa na baasi.

10 Atini Waaqa kiyya, fed'i tante na barsiisi. Dansuma tanteetiini kara qajeela naa akheekhi.

11 Ee AABBO Waaqa, akuma atini nati kakhate na baasi, dansuma tanteetiini gaargala kiyya keesaa na baasi!

12 Maro atini na jaalateefi nyaapa kiyya hobaasi, nama na dabsu ch'ufa balleesi wonti akanatiifi anini hojattu tanteeti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan