Faaru 140 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, worra ch'ubbu ka nama ijeesu, naraa d'owi, duraa na baasi. 2 Worri hojja ch'ufa hameenna malate nama wolti naqa. 3 Arabi worraa aka bofa hama nama ijeesu jira; dubbini worra aka had'aa buuti jirti. 4 Ee AABBO Waaqa, harka worra ch'ubbu jalaa na baasi. Worra nama ijeesu, ka na balleesu fed'u, naraa d'owi. 5 Nami kiyyibaani ya t'urura kara keesa na kaye; t'urura ufiitini na qabu fed'e. 6 Anini waan AABBO Waaqaani jed'u, Atini Waaqa kiyya; ee AABBO Waaqa, kad'acha tiyya na d'agayi! 7 Ee AABBO Waaqa kiyya, qarqaarsa kiyya jaba, guyya had'iisa atini yayu na qorqorate na baafte. 8 Ee AABBO Waaqa, waan ch'ubbichi fed'u inkenninifi; mala worri d'aatule balleesi. 9 Nyaapa kiyya na dabsachu d'owi; soda worri na sodaachisu worrumati deebisi. 10 Ch'ileeni ibidaa diimtuni ha worrati jidduti; worri ha boola keesa buusani keesaa bau dad'abuti. 11 Nami d'araani nama himatu ha lafa keesaa baduti; hameenni ha worra nama ijeesu d'aqabe balleesuti. 12 AABBO Waaqa, anini imbeekha, aka atini hiyyeesafi, nama woma inqamnelee dubbatu. 13 Nami d'uga si faarse, nami qajeelani si durati jiraata. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya