Faaru 14 - KITAABA WAAQA1 Daalleeni, Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti ya waan hamtu tolche; nami waan d'uga tolchu tokoleeni injiru. 2 AABBO Waaqi gubbaa nama gadi ilaale, aka nami wohubate isa kad'atu worra keesa jiru arga. 3 Ammo worri ch'ufti yayu akuma takaa kara iraa gore waan hamtu tolche. Worra keesa nami tokoleeni ka waan dansa tolchu injiru. 4 AABBO Waaqi waan jed'u, Isi, worri woma imbeekhu? Worri ch'ubbuu kunini ch'ufti daalle? Worri gumi tiyya saame nale kad'achuu dida. 5 Ammo worri waan Waaqi nama d'uga gula deemu kalchuufi mudama. 6 Nami waan hamtu tolchu mala hiyyeesa balleesa, ammo inni AABBO Waaqati d'eeta. 7 Ee Waaqa, nama Israeli baasu Sioni keesaa kootiini. Worri Israeli, hojja AABBO Waaqi akuma duri kaani horsiisu, akami gammada! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya