Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 137 - KITAABA WAAQA

1 Nu galaana Babiloni d'aatu teteenne Sioni qaabanne boonne.

2 Aaddele d'aatu suni ejaanjitu Kiraari teenna iti fafannifanne.

3 Worri nu boojie kaani, sirba, nu gammachiisa, sirba Sioni sirba nuni jed'e.

4 Nu akami dandeenne sirba AABBO Waaqa lafa nyaapa keesati sirbina?

5 Ee Yerusalemu hojja anini si ded'e, harki kiyya mirgichi ha rifate na kokotau!

6 Hojja anini si qaabad'e, aka atini waan ch'ufa ira na gammachiiftu heregu baad'e, Waaqi afaani kiyya ch'ufe sirba na d'owina!

7 Ee AABBO Waaqa, gaafa Yerusalemu qabani, waan worri Edomu tolche qaabad'i. Aka worri, Dira suni ch'ach'absa balleesa jed'e qaabad'i!

8 Ee Babiloni atini imbadda. Ayyaana isaati, ka waan atini nu tolchite si tolchu.

9 Ka daima kanke fuud'e d'akha irati ch'ach'arasu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan