Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 136 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi dansa, galata deebisaafi; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

2 Waaqa, waaqoota ch'ufa ira jiru, galata deebisa; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

3 AABBO Waaqa ka nama ch'ufa ira jiru, galata deebisa; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

4 Isuma ch'allati waan mama jabdu tolcha; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

5 Qarooma isaatini inni gubba uume; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

6 Inni bisaani qile gubbati lafa jaare; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

7 Inni aduufi jia uume, jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;

8 adu ta gayu mohatu, jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

9 Jiaafi urji ta halkani mohatu; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

10 Inni ilmaani angafa ta worra Misiri fit'e; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

11 Inni gumi Israeli lafa Misiri keesaa baase; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

12 Irree isaa jabdufi harka isaa jabaani; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

13 Inni galaana Diima gargari kute; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

14 Gumi ufi ta Israeli jiddu taakisiise; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

15 Ammo hayyu Misiritiifi duula isaa bisaani sunini balleese; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

16 Inni gumi ufi lafa aloo ta gamooji keesa godaansise; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

17 Inni hayyoota jajabdu fit'e; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;

18 hayyoota gurra qabdule; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;

19 Sioni hayyu Amori, jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;

20 Ogu hayyu Bashanile; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

21 Inni lafa worraa gumi ufiti kenne; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

22 Inni lafa suni hojattu isaa Israeli kenne; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

23 Gaafa nu dabsatanile inni nu qaabate; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu;

24 inni harka nyaapa keenna jalaa nu baase; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

25 Inni waan lubbu qaba ch'ufa sagale kennaafi; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

26 Waaqa gubbati galata deebisa; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan