Faaru 135 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa faarsa! Hojattu AABBO Waaqa 2 ta Mana AABBO Waaqa keenna keesa hojattu, maqa isa faarsa. 3 AABBO Waaqi dansa, isa faarsa, inni naasu qabaa tanaafi maqa isaa faarsa. 4 Inni Yakobo fohate gumi Israeli ta ufi tolfate. 5 Anini imbeekha, AABBO Waaqi keenna gudda, inni Waaqa d'ibi ch'ufa ira jira. 6 Inni gubbafi lafafi baariinifi d'immu bisaani keesaleti waan fed'u tolche. 7 Inni dumansa muumme lafati fuud'e bokaya keesa angae bubbeele fulla iti olkaye keesaa gadi baasa. 8 Lafa Misiri keesati inni ilmaani angafa ta namaatiifi ta horile ch'ufa fit'e. 9 Achiti inni akheekhafi waan mama jabdu tolche, akasiini hayyufi hojattu isaa ch'ufa gaargalche. 10 Inni gosa heddu balleese, hayyoota jajabdule fit'e: 11 Sioni, hayyu Amonitifi, Ogu hayyu Bashanitifi hayyoota Kanaani ch'ufale. 12 Inni lafa isaani gumi isa ta Israeliti kenne. 13 Ee AABBO Waaqa, maqaani kanke haga jiru jireenna imbadu, d'alooti ch'ufti gurra kanke inqaabata. 14 AABBO Waaqi gumi ufiti kalche hojattu isaale naha. 15 Waaqooti gochiti d'ibiini kad'atu waan qarsifi worqiini mid'aasani, ka nami harki ufiitini tume. 16 Waaqooti suni afaani qabdi, ammo indubbattu, ila qabdi, ammo woma ingartu. 17 Isiini gurra qabdi, ammo woma ind'ageetu, yokhaani hafuurale inqabdu. 18 Nami worra mid'aase abdatu ch'ufti ha akuma waaqoota suni tahuti! 19 Ee gumi Israeli, AABBO Waaqa faarsa, ee qaalole d'aloota Haruni, AABBO Waaqa faarsa! 20 Ee worra gosa Lawi, AABBO Waaqa faarsa, isani ch'ufti ka AABBO Waaqa sodaatani isa faarsa! 21 Sioni keesa AABBO Waaqa faarsa, worra isaa ka Yerusalemuleti isa faarsa! AABBO Waaqa faarsa! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya