Faaru 130 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, anini ka ufi jibbaad'e gaargala hama keesa jiru, si yaamad'a. 2 Ee Aabbo Waaqa kad'acha tiyya na d'agayi, qarqaarsa anini si kad'ad'u ch'aqasi! 3 Yo atini ch'ubbu teenna t'aafate olkeete, eenuti dandae qorsuma tante jalaa baha? 4 Ammo atini nuu araaramta tanaafi si sodaanna. 5 Anini qarqaarsa AABBO Waaqa guddo eegad'e dubbi isaa abdad'a. 6 Anini nama halkani lafa eegu, ka bari lafa eegu ira, AABBO Waaqa abdad'a. 7 Ee Israeli AABBO Waaqa abdad'i, jaalalti isaa ind'umatu, inni hojja ch'ufa kurfo jira, aka si baasu. 8 Inni gumi isaa ta Israeli ch'ubbu keesaa |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya