Faaru 127 - KITAABA WAAQA1 Hojja AABBO Waaqi mana injaarini ijaartu woma imbaatu. Hojja AABBO Waaqi dira ineegini hujiini nama eegu woma imbaatu. 2 Aki nami huji sagale ira argatu jed'e ganama lafaa kae ammalle halkanile ture rafu woma imbahufi. Wonti akanatiifi AABBO Waaqi nama jaalatu, ato inni rafu liqimsa kennaafi. 3 Ijoolleeni waan AABBO Waaqi namaa kennu; isiini eeba d'ugaa ta isa iraa argatani. 4 Ilmaani nami kaimoma keesa d'alu t'iya askartini harka qabdu fakaati. 5 Ayyaana isaati, ka katela isa t'iyyiti guute. Hojja inni nyaapa isaatini fulla gaadisa korati wolwoldaani isa indabsatani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya