Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 126 - KITAABA WAAQA

1 Gaafa AABBO Waaqi Yerusalemuti nu deebise wonti sunini oobju nuti fakaate!

2 Nu akami kofalle gammanne sirbine! Duuba gochiti d'ibiini waan keenna dubbate waan jette, AABBO Waaqi waan jabdu worraa tolche.

3 D'uguma inni waan jabdu nu tolche; nu aka male gammanne!

4 Ee AABBO Waaqa, akuma bokeeni, laga yaasu, akasuma lafa teennati nu deebisi.

5 Worri gaafa mid'aani fach'aafatu bohe ha gaafa muratu gammaduti.

6 Nami gaafa mid'aani sanyi fach'aase boha deeme, gaafa mid'aani suni murate galfatu gammadeti sirba!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan