Faaru 125 - KITAABA WAAQA1 Nami AABBO Waaqa abdatu gaara Sioni fakaata, ka nami dandae chochoose imbuqimne. 2 Akuma gaareeni Yerusalemu marsitu akasuma AABBO Waaqi gumi ufi ammaafi hegerile marse qorqorata. 3 Ch'ubbichi hojja ch'ufa lafa worra d'ugaa imohatu; yo sila worri akasi tahe, nama d'ugaleeni waan hamtu fa tolcha. 4 Ee AABBO Waaqa nama dansa, ka seera kanke guutuu, waan dansa tolchi. 5 Ammo hojja atini worra ch'ubbu gaargalchitu, nama kara kanke lakisule gaargalchi. Worri Israeli ha nagayaani tau! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya