Faaru 124 - KITAABA WAAQA1 Ee Israeli, ato sila AABBO Waaqi gama keenna jiraachu baate, nu mal taana? 2 Ato sila AABBO Waaqi gama keenna jiraachu baate, gaafa nyaapi keenna nu had'e. 3 Worri ato nu jirru dallansu ufi hamtu keesa nu liqimse, 4 fach'aai bisaani sila nu fud'ate, bisaani nura deebiani, 5 nu liqimsani. 6 Koota, AABBO Waaqa, ka nyaapa keenna jalaa nu baase, galata deebimna. 7 Nu aka simpirre t'urura qabanini keesaa baqate jira, haadi t'urura suni la ch'ite, nu la keesaa baane! 8 Qarqaarsi keenna AABBO Waaqa, ka lafafi gubba uume iraa d'ufa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya