Faaru 120 - KITAABA WAAQA1 Gaafa anini gaargala keesa jiru anini AABBO Waaqa yaamannaani inni na jalaa owaate. 2 Ee AABBO Waaqa, kiyyibafi d'articha jalaa na baasi. 3 Isani kiyyibdole, Waaqi maani isani tolcha? Inni maanini isani gaargalcha? 4 T'iya askarti ta qara qabdufi ch'ile ibidaa diimtuni isani gaargalcha! 5 Teesumti anini isani keesa tau, akuma nama Meshekifi worra Kedari keesa tau, hamtu. 6 Anini nama nagaya jibbu ganna heddu woliini tae! 7 Yo anini waan nagaya dubbad'u, worri woraana fed'a. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya