Faaru 12 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, nu qarqaari! Nami si beekhu lafa keesati inhamne, nama d'uga gula deemu deebiani lafa keesati inargani. 2 Nami ch'ufti wolti kiyyibe, dubbi d'araatiini wolsoba. 3-4 Araba nama sobu kana AABBO Waaqi ha ch'allisisu afaani kiyyiba dubbata ka tae dubbi teennaani waan feenu arganne, waan feenu dubbanna, nami dandae nu ind'owu jed'a ha ch'ufuti, 5 AABBO Waaqi waan jed'u, waan hiyyeesa dabsani, d'ipatani tae ouufi, anini amma d'ufe qarqaarsa worri fed'u kennaafi. 6 Waan Waaqi kakhatu d'ugefachu malani; kakhuuni isaa sunini qulqullo, aka qarsi maro torba ibida keesati bassani jirti. 7-8 Ch'ubbichi fulla ch'ufa jira. Nami ch'ufti hameenna faarsa. Ee AABBO Waaqa, hojja ch'ufa nu qorqorad'i, harka worra akana kana seenu nu d'owi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya