Faaru 118 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqaa galata deebisa; inni dansaa, jaalalti isaaleeni haga jirtu ind'umatu. 2 Worri Israeli ha, Jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu jed'u. 3 Qaaloleeni d'aloota Harunileeni ha, Jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu jettu. 4 Nami AABBO Waaqa sodaatuleeni ha, Jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu jed'u. 5 Gaargala kiyya keesa anini AABBO Waaqa yaamad'e, duuba inni na d'agaye na baase. 6 Eegi AABBO Waaqi gama kiyya jiraate, anini woma insodaad'u, nami maani na tolchuu dandaa? 7 Nami na qarqaaru AABBO Waaqa tanaafi anini aka nyaapa kiyya dabsatani arga. 8 Fulla nama abdatani ira ufi kayani ira hojja AABBO Waaqa d'ugeefatani ira jirti. 9 Fulla hayyuufi qaallu ira ufi kayani ira hojja AABBO Waaqa d'ugeefatani ira jirti. 10 Nyaapi hedduuni ya na marse; anini ammo maqa AABBO Waaqatini ch'ufa dabsad'a! 11 Worri gama ch'ufa na marse, ammo anini jabeenna AABBO Waaqatini worra balleese! 12 Worri aka tiite kinniisa nati tuuche, ammo worri aka hot'ee yoosu gubata, anini jabeenna Waaqatini worra hobaase. 13 Aka male na had'ani na dabsachu gahani, jennaani AABBO Waaqi d'ufe na qarqaare. 14 AABBO Waaqi na jabeesaa irre naa kenna inni ya na baase. 15 Qonqo geerarsa ta waaro gumi Waaqa keesaa d'uftu d'agaya; jabeenna AABBO Waaqa guddati waan suni tolche! 16 Jabeenni isaa ya nu dabsachiise jabeenni inni woraana keesati garsiise! 17 Anini induu, ammo jiraad'e, waan AABBO Waaqi tolche namati odeesa. 18 Inni ya aka male na gaaragalche, ammo lubbu na inijeemne. 19 Balbala Mana Waaqaa naa bana; anini seene, galata AABBO Waaqaa deebisa! 20 Tunini balbala AABBO Waaqaati; nama d'uga male nami d'ibiini oliini inseenu. 21 Ee AABBO Waaqa, waan atini na jalaa owaate na baafteefi anini si faarsa. 22 D'akhaani ijaartuuni tufate didde ya d'akha ch'ufa ira jaba tahe. 23 Waan mama ka nu ila teennaani garre kana AABBO Waaqati tolche! 24 Guyyaani kunini guyya AABBO Waaqi woi dabsate, koota woliini gammanne qilit'amna. 25 Ee AABBO Waaqa, nu baasi, nu dabsachiisi, nu si kad'anna! 26 Nami maqa AABBO Waaqatini d'ufu ha eeba argatu! Mana Waaqaa keesale nu isani eebimna. 27 AABBOONI Waaqa; inni haguma duriti nuu dansa. Qooti guura, jila iti keeyad'a, waan sorio irati baasanini mara. 28 Atini Waaqa kiyya anini galata sii deebise guddinna kanke odeesa. 29 AABBO Waaqaa galata deebisa, inni dansaa, jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya