Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 116 - KITAABA WAAQA

1 Anini AABBO Waaqa jaalad'a, waan inni na ch'aqase, kad'acha tiyya naa d'agayeefi.

2 Inni hojja anini isaa yaamad'u ch'ufa na ch'aqasa.

3 Gaargali duaa na marse sodaani awaala na qabate, jennaani mudame lubbuuni na d'ufte.

4 Jennaani anini AABBO Waaqa yaamad'e, Ee AABBO si kad'ad'a na baasi jed'eeni!

5 AABBO Waaqi naaso, ammalle dansa; Waaqi keenna guddo nama naha.

6 Inni nama irre inqamne qorqorate gaafa anini gaargala qabu inni na baase.

7 Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqi ya na eebise, garaa jabaad'i.

8 AABBO Waaqi duu na d'owe imimaani nara haaqe, miila kiyyale gufachuu d'owe.

9 Duuba akanaani anini lafa nama jiru keesa AABBO Waaqa jala deeme.

10-11 Gaafa anini, gaargali ya na qabate nami d'ugaa lafa keesa injiru jed'ele, anini isa d'ugefachu illakimne.

12 Wonti anini maro dansuma isatifi AABBO Waaqaa baasuu male maani?

13 Anini daad'i AABBO Waaqaa baase, Aabbo, atini ya na baafte, galati kanke imbadiini jed'aani.

14 Gumi isaa ch'ufa durati anini waan kakhad'e imbaasa jed'e ch'ufa baasa.

15 Hojja nami isaa toko duu AABBO Waaqi guddo laalefata!

16 Ee AABBO Waaqa anini hojattu teeti; akuma haati tiyya sii hojate, aninileeni si hojad'a. Atini ya duisa jalaa na baafte.

17 Anini sorio sii baase, galata si deebise, maqa kanke yaamad'a.

18-19 Mana kanke qulqullo Yerusalemu keesa gumi tante ch'ufa durati anini waan sii baasa jed'e kakhad'e ch'ufa sii baasa. AABBO Waaqaa faarsa!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan