Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 115 - KITAABA WAAQA

1 Siuma ch'alla ee AABBO Waaqa, siuma ch'alla nuuniti nami guddinna kennuufi mallani siuma, maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi ta d'uga teeti.

2 Gochiti maafi nu gaafate, Waaqi keesani me? nuni jetti.

3 Waaqi keenna gubba jira; inni waan fed'u tolcha.

4 Waaqi worraa waan harkaani mid'aasani, isa qarsifi worqi iraa tumani.

5 Inni afaani qaba, ammo dandae indubbatu, ila qaba, ammo dandae womaani inargu.

6 Inni gurra qaba, ammo dandae womanu ind'agau; inni funnaani qabu, ammo dandae womanu insuufu.

7 Inni harka qaba, ammo dandae woma inqabatu, miilale inqaba, ammo dandae indeemu; qonqooni womatu isa keesa imbaatu.

8 Nami isa mid'aase isa abdate ha akuma isa tahuti.

9 Gumi Israeli AABBO Waaqa abdad'a. Inni wonte isanii tahe isani qarqaara.

10 Isani qaalole gosa Haruni, AABBO Waaqa abdad'a, inni wonte isanii tahe isani qarqaara.

11 Isani nami AABBO Waaqa sodaatu ch'ufti isa abdad'a. Inni wonte isanii tahe isani qarqaara.

12 AABBO Waaqi nu qaabate nu eebisa; inni gumi Israelitiifi qaalole d'aloota Haruni ch'ufa ineebisa.

13 Inni nama isa sodaatu ch'ufa, diqaafi guddale ineebisa.

14 AABBO Waaqi isanifi d'aloota keesani daraarsinna!

15 AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!

16 Gubbaani ta AABBO Waaqa ch'alla, ammo inni lafa yayu namaa kenne.

17 Nami due AABBO Waaqaa imfaarsu, yokhaani nami boola ekhera keesa bueleeni isaa imfaarsu.

18 Ammo nu nami jiru ammaafi hegerile AABBO Waaqa faarsina. AABBO Waaqa faarsa!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan