Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 113 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqa faarsa! Isani hojattu AABBO Waaqaa maqa isaa faarsa!

2 Maqa isaa ha faarsani ammaafi hegerile.

3 Ilaboruti fuud'ani ila aduti d'aabani, maqa AABBO Waaqaa ha faarsaniti.

4 AABBO Waaqi gosa ch'ufa mohata; guddinni isaa gubbale ira jira.

5 Nami aka AABBO Waaqa keenna jira tokoleeni injiru! Inni gubba taa,

6 ammo gajed'e lafafi gubba laala.

7 Inni hiyyeesa awaara keesaa fuud'e; d'ipata d'ipu keesa baase,

8 jara gugurda gumi isaa woliini teesisa.

9 Inni niiti ilmaani ind'aliini worra ufiiti qubsise ilmaani kenneefi gammachiisa. AABBO Waaqa faarsa!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan