Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 112 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqa faarsa! Ayyaana isaati ka AABBO Waaqa sodaatu, ka hojja seera isaa guutu gammadu.

2 Ilmaani nama dansa lafa keesati irre horati; d'aloota isaa ch'ufa ineebisani.

3 Worri isaa woi horate dureesa tahe, innileeni haga jiru ch'ufa wohorate deebana.

4 Nama dansa dukana keesaa ifsaani ifsaafi, nama namaa nahu ka eeba qabu, ka d'uga gula deemu.

5 Ayyaana isaati ka arjomaani wa namaa liqeese daldala ufii kara d'ugaatini tolchu.

6 Nami dansaani haga jiru ind'ipatu; guyya ch'ufa isa qaabatani.

7 Inni odu hamtu iti d'uftu insodaatu, d'ugefachaani isaa jabdu, inni AABBO Waaqa d'ugeefata.

8 Inni yaada womatu inqabu, womale insodaatu. Duuba eege nyaapa isaa ka dabsatani arga.

9 Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.

10 Ch'ubbichi waan kana arginaani dallana; inni ilkaani qare baqe badda; abdiini isaa ya haga jiru jireenna iraa bade.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan