Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 111 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqaa faarsa! Anini gumi Waaqaa durati garaa kiyya ch'ufaani AABBO Waaqaa galata deebisa.

2 Wonti AABBO Waaqi tolchu ch'ufti waan mamaati! Nami waan suni maache ch'ufti guddo waan isii hubachuu fed'a.

3 Wonti inni tolchu ch'ufti jabeennaafi guddinna isaa garsiifti; d'ugaani isaaleeni haga jiru jireenna teeti.

4 AABBO Waaqi huji isaa ta mama ded'u nu d'owa; inni eebaafi naasu qaba.

5 Inni nama isa sodaatu sagale kenne, wold'aqisa ufile hojja ch'ufa qaabata.

6 Inni lafa gosa d'ibii gumi isaati kenne, akanaani irre ufii garsiise.

7 Wonti inni tolche ch'ufti waan d'uga ka d'ugeefatani; gorsi isaa ch'ufti waan nami d'ugeefate fud'achuu male.

8 Gorsi kunini haga jiru jireenna taha; gorsa kana d'ugaafi qajeelumani kennani.

9 Inni gumi isaa balchoomse, wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfate. Inni qulqullo ammalle jabeenna qaba.

10 Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan