Faaru 110 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqi waan hayyicha abba kiyyatiini jed'e, Kooti arma moga tiyya ta mirga tahi, haga anini nyaapa kanke miila kanke jalati deebisuti. 2 AABBO Waaqi jabeenna kanke ka hayyuma Sioni ch'alla keesati illakisu, fulla d'ibile geese waan jed'u, Nyaapa kanke mohad'u. 3 Guyya atini nyaapa kanke haatu, nami kanke ufi gabaasa. Akuma fit'eesa ganamaa, kaima kanke gaareeni kanke qulqullo irati siti d'ufa. 4 AABBO Waaqi ya kakhate, kakhu suni guutuu male intau: inni waan jed'e, Atini haga jiru jireenna aada Melkizedeki gula qaallu taata. 5 Aabbooni gama kanke ka mirga jira; inni hojja dallanu hayyoota imballeesa 6 Inni gosa ch'ufa wollaala iti mure, fulla iti wolhad'ani ch'ufa reefaani guuta; inni hayyoota lafa ch'ufa keesa jirtu indabsata. 7 Hayyichi galaana d'aatu karaa yau keesaa bisaani d'uge, jajabaate, lubbuuni iti deebiti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya